Bakka kana tuqaa
Bakka kana tuqaa
Bakka kana tuqaa
Previous
Next

Tajaajiloota telebirrii

Maallaqa Erguu fi Fudhachuu

Maatiiwwan, hiriyyootaa ykn namoota jaalattan kutaa biyyatti bakka kamiyyuu jiraataniif fayyadamaa teeleebirrii ta’anis ta’uu baatanis maallaqa hatattamaan erguuf isin dandeessisa.

Yeroo qilleensaa guuttachuuf

Maamiltoonni galmaa’an eenyummeessaa telebirrii fayyadamanii salphaatti moobaayilii isaanii guuttachuu ni danda’u.

Karaa teeleebirrii kafalaa.

Telebirrii fayyadamuun yeroo kamii fi bakka kamitti herraga telekoomii (bill) kaffaluuf ykn tikeettii bitachuuf  (fakkeenyaaf – paarkii tokkummaa ) baay’ee mitataadha.

Maallaqa kaa’amu

Maallaqa keessan teeleebirrii gara maallaqa elektirooniiksii wal gitaatti jijjiiruuf kan dandeessisu yoo ta’u, kunis baay’ina maallaqaa eenyummaa keessan telebirrii ykn boorsaa keessanii isiniif dabala.

Mela,Endekise,Sanduq

Tajaajila teeleebirri faayinaansi jechuun maal jechuudha?

Hawaasa keenya fayyadamaa tajaajila faayinaansii idilee gochuuf kan kaayyeffate, karaa sirna kafaltii teeleebirrii dijitaalaa liqii maakiroo, ovardiraaft (kafaltii liqii) fi tajaajila qusannoo kennuuf kan dandeessisudha.

Melaa (liqii xiqqaa)!

Akaakuun tajaajila kanaa namoonni dhuunfaa ykn daldaltoonni/bakka bu’oonni karaa bilbila moobaayilii isaanii maallaqa baay’ina addaddaa qabu fudhachuun biizinasii/daldala akka jalqaban kan dandeessisudha.

Akka borsaa koo (overdraft)!

Akaakuun tajaajila kanaa maamiltoonni teeleebirrii karaa eenyummeessaa teeleebirrii isaanii baay’inni maallaqaa isaan hafu wayita ga’aa hin taanetti tajaajila liqii akka argatan kan isaan dandeessisudha.

Saanduq (Qusannaa)!

Hawaasa keenya fayyadamaa tajaajila faayinaansii idilee gochuuf kan kaayyeffate, karaa sirna kafaltii teeleebirrii dijitaalaa liqii maakiroo, ovardiraaft (kafaltii liqii) fi tajaajila qusannoo kennuuf kan dandeessisudha

Tajaajila maallaqa idil addunyaa fudhachuu ykn erguu

Maamiltoonni maallaqa maatii, hiriyyaa, firoota ykn michoota isaaniirraa ergamu karaa bilbila isaanii moobaayilii salphaatti fudhachuu ni danda’u.

Kafaltiiwwan hedduu al tokkotti karaa teeleebirrii kafalaa

Mindaa hojjettoota keessanii fi kafaltiiwwan addaddaa kan biroo al tokkotti salphaatti kafaluun yeroo fi baasii hin malle qusadhaa.

Karaa teeleebirrii arjoomaa

Karaa teeleebirrii hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaaf salphaatti maallaqa arjoomaa, qaama akka biyyaati nu boonsuu ta’aa!

Tajaajila qarqabaabitaa.

Teeleebirrii fayyadamuun qaqaboota moobaayilii wayita bittan akkaataa akaakuu qarqabaatiin kennaa dabalataa %10 ykn hi’ifama argadhaa.

Maallaqa Callaa baasuu

Telebirriin, maamiltoonni eenyummeessaa isaaniirraa iddoo kamittuu bakka bu’oota tajaajiltoota bakka bu’ummaa seera qabeessa qaban ykn jiddu galeessa keenya gurgurtaa Itiyoo telekoomii irraa maallaqa baasuuf isin dandeessisa.

Meeshaalee fi tajaajilootaaf kafalaa

Meeshaalee bittanii fi tajaajiloota argattaniif yeroo barbaaddan iddoo barbaaddanitti  iskaan (Scan) gochuun karaa eenyummeessaa keessan telebirrii erraga keessan salphaatti kaffalaa.

Telebirrii maaliif filattu?

  • Qaqqabiinsa isaa

    Eessayyuu deemuunosoo isin hin barbaachisiin karaa bakka bu’oota keenya isin dhihootti argamanii yeroo barbaaddan tajaajila kana argachuuf isin dandeessisa.

  • Saffisaa ta’uu isaa

    Maallaqa kaa’uuf, dabarsuu akkasumas yeroo barbaaddan kafaltii raawwachuuf ni gargaara. Tajaajila argattan kan mirkaneessu ergaan battalatti isin qaqqaba.

  • Amansiisaa Ta’uusaa

    Teeleebirriin sirna amansiisaa ta’een kan eegamuu fi kan itti amananidha. Maallaqa harkatti waan hin qabanneef na jalaa hatama jettanii hin yaaddoftani.

  • Hundagaleessa Ta’uusaa

    Hundagaleessa Ta’uusaa

  • Hundagaleessa Ta’uusaa

    Flexibly deposit, receive, send, spend, and transfer money using your mobile phone.

  • Salphaa Ta’uusaa

    Maallaqa harkatti qabachuun osoo isin hin barbaachisiin karaa bilbila keessanii tajaajila barbaaddan salphaatti argattu.

Odeeffannoowwan Istaatiksii telebirrii

+ 0 Tn
Gatii sosochii maallaqaa (Qarshiin)
+ 0 M
Baay’ina maamilaa (Hagayya 2024tti)
+ 0 K
Bakka bu’oota
+ 0 K
Daldaltoota
0 banks
Baankota irraa gara telebirriitti dabarsuu
0 banks
telebirrii irraa gara baankotaatti dabarsuu

Waahiloota keenya telebirri biizinasii

Gaaffilee tajaajila keenya telebirrii deddeebi’anii gaafatamanii fi deebii isaanii

  • Tajaajilli telebirrii Itiyoo telekoomii lakkfoofsa moobaayilii keessan fayyadamuun maallaqa kaa’uuf, fudhachuu, dabarsuuf, baasuuf, erguuf, tajaajila qarqaba bitachuuf kafaltiiwwan tajaajiloota baatii (biilii) kafaluuf, moobaayilii guuttachuuf, tikeettii bitachuuf, sa’aatii qilleensaa ykn tajaajila qarqabaa erguu fikafaltiiwwan oomishaa fi tajaajilaa raawwachuuf kan dandeessisu sirna kafaltii moobaayilii ammayyaati. Karaa teeleebirrii bittaa fi gurgurtaa fi sosochii maallaqaa idil addunyaa  maallaqa callaa osoo hin qabatiin adeemsisuu ni dandeessu. Kana malees fayyadama moobaayilii teeleebirrii fayyadamuun koodii QR kaasuun (scan) gochuun suuqotaa fi kuusaatti kafaltii raawwachuun ykn shaqaxootaa fi tajaajiloota bakka jirtanitti toorarraa (Online) bituuf ykn gara bakka bu’oota teeleebirrii isisnitti dhihootti argamanii qaamaan dhaquun maallaqa fudhachuuf isin dandeessisa.
  • Bilbila moobaayilii fayyadamtanii bakka jirtanitti karaa telebirrii bittaa fi gurgurtaa raawwachuuf mijaawaadha. Maallaqa callaa baattanii deemuu ykn qaamaan osoo hin dhaqiin bilbila moobaayilii harkaa qabdaniin bittaa fi gurgurtaa raawwadhaa.

Tajaajilli moobaayilii guuttachuu tajaajiloota telekoomii qofa bitachuuf kan oolu yoo ta’u, tajaajilli teeleebirrii garuu tajaajiloota telekoomii bitachuun alattis karaa elektirooniiksii maallaqa erguu fi fudhachuuf akkasumas bittaa fi gurgurtaa kanneen biroo hedduu raawwachuuf nama dandeessisa.

Maamiltoonni tajaajila telebirrii eenyummeessaan baankii osoo isaan hin barbaachisiin bilbila moobaayilii qofatti fayyadamuun tajaajiloota faayinaansii addaddaa karaa salphaa fi yaaddoo malee hojiiwwan addaddaa raawwachuuf nama dandeessisa. Maamiltoonni keenya teeleebirrii tajaajiloota armaan gadii haala amansiisaa ta’een akka argattan isaan gargaara.

  • Maallaqa callaa kaa’uu fi baasuu,
  • Maallaqa erguu fi fudhachuu,
  • Moobaayilii guuttachuu fi kuufamoota moobaayilii bitachuuf,
  • Tikeettota bitachuuf (fakkeenyaaf- paarkii tokkummaa),
  • Sagantaa galii walitti qabuu addaddaa irratti hirmaachuuf  (galii walitti qabuu kan akka hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa)
  • Meeshaalee fi tajaajiloota suuqiiwwan fi kuusaa iddoowwan addaddaatti argaman  irraa bittaniif kafaltii bittaa raawwachuuf.
  • Maamiltoota irraa kafaltii fudhachuuf k.k.f keessatti argamu.

Maamila bilbila moobaayilii itiyoo telekoomii kan ta’e hunda,

Fayyadamaa tajaajila teeleebirrii ta’uuf walii galtee raawwachuu kan danda’u umuriinsaa waggaa 18 fi kanaa olta’uu qaba,

Lakkoofsa moobaayilii, suuraa yeroo dhihoo fi waraqaa eenyummaa seera qabeessa kan qabu.

Fayyadamaa tajaajila teeleebirrii ta’uuf karaawwan armaan gadii lamaan galmaa’uun ni danda’ama.

Galmee Guutuu-

Bakka bu’aa seera qabeessaa teeleebirrii isinitti dhihoo argamu ykn jiddu galeessota gurgurtaa keenya Itiyoo telekoomii dhaqaa,

Lakkoofsa bilbila moobaayilii Itiyoo telekoomii amma itti fayyadamtanii fi waraqaa eenyummaa keessaniin,

Ofiif Galmaa’uuf-

Gara *127# tti bilbiluun ajajoota kennaman hordofuun,

Fayyadamaa moobaayilii teeleebirrii googil pilaayi ykn appistoorii irraa (Google play & app store) buusuun galmaa’uun,

Odeeffannoo maamila keessan beekaa(Know Your Customer - KYC)  galchuun ykn galmee si’ataa Itiyoo telekoomii (Quick registration) sirna kuusaa odeeffannoo ykn faayila keessaa odeeffannoo gara fayyadama moobaayiliittigalu sirrii ta’uusaa mirkaneessuun galmaa’uu ni dandeessu.

Galmee guutuu maamila keessan beekaa /KYC/  xumuruuf bakka bu’aa teeleebirrii isinitti dhihoo argamu ykn jiddu galeessa gurgurtaa Itiyoo telekoomii isinitti dhihoo dhaquu ni dandeessu.

Maamiltoonni karaa fayyadama teeleebirrii galmaa’an waraqaa eenyummaa isaanii fi suuraa dhiheenya ka’an siistama irratti fe’uun guutummaatti galmaa’uu ni danda’u.

Daandeffamnii fi bittaa fi gurgurtaa addaddaa fi sosochiin maallaqaa akkaataa qajeelfama baankii biyyaalessaatiin ni hojeeffamu.

Tajaajila telebirriif galmaa’uuf kafaltii hin barbaachisu.

Eyyeen, lakkoofsota bilbilaa addaddaatiin eenyummeessaa tokkoo ol qabaachuu ni dandeessu.

Daangaawwan erraga  hafee fi bittaa fi gurgurtaan akkaataa qajeelfama baankii Biyyaalessaatiin hojiirra oolu.

Akkaataa armaan gadiitiin gara eenyummeessa telebirrii keessa maallaqa kaa’uu ykn baasuu ni dandeessu.

Gara bakka bu’aa seera qabeessaa telebirrii ykn jiddu galeessota gurgurtaa Itiyoo telebirrii qaamaan dhaquun.

Erraga baankii keessaan siistama telebirriitiin wal quunname irraa dabarsuun.

Maqaan baankilee miiltoo tajaajila telebirrii waliin wal quunnaman marsariitii keenya  (www.ethiotelecom.et/telebirr ) irratti ni ibsamu.

Bittaa fi gurgurtaa karaa telebirrii raawwatamu hundaaf ergaan gabaabaan 127n battalatti isin qaqqaba.

Moobaayilii kan itti guuttattanii fi kafaltiiwwan (Bill) tajaajilaa kafaltiin dabalataa kara

Bakka bu’oonni telebirrii ulaagaa baankiin biyyaalessaa kaa’e guutuun kabajamtoota maamiltoota keenyaaf tajaajila teeleebirrii akka kennan dhaabbilee Itiyoo telekoomiidhaan eyyamameefidha.

Bakka bu’oonni maamiltoota ni barsiisu, ni galmeessu, sochiiwwan maallaqa kaa’uu fi kafaluu ni taasisu.Kana malees sa’aatii qilleensaa ni gurguru, maamiltoota hin galmoofneef maallaqa ni dabarsu, kafaltiiwwan tajaajilaa (pay bills), akkasumas maamiltoota bakka bu’anii hojiiwwan addaddaa ni raawwatu.

Bakka bu’oonni tajaajiloota maamiltootaaf kennan hundaaf/bittaa fi gurgurtaaf kafaltii tajaajilaa(komishinii)  ni kennamaaf.

telebirrii aappiin fayadamtee moobaayilii guuttachuu, paakeejii fi ykn hiriyyaaf erguuf badhaasa/jajjabeessituu fayyadamuu ni dandeessa, ykn gara *127#tti bilbiluun.

Appii telebirrii fayyadamuun- moobaayilii wayita guuttattan ykn paakeejii wayita bitattan fuula seensa piinii irratti filmaanni tokko kan filatamu fakkaata. Dabalata(bonus) fayyadamuu fi itti fufuuf “erraga badhaasaa” irratti mallattoo taasisaa.

*127# meenuu USSD fayyadamuun-  *127# irratti bilbilaatii fuula itti aanuuf mallattoo # filadhaatii "Redeem incentive" isa jedhu filadhaatii kan itt iaanu hordofaa.

Tajaajilli liqii Itiyooteel maamilli Itiyooteel moobaayilii guuttachuu ykn qarqaba bitachuuf liqii kennamudha

Tajaajilli kun maamiltoota Itiyooteel hundaaf ni kennama. Tajaajilli liqii kun moobaayilii guuttachuu/qarqaba bitachuu fi kanneen biroof kennaa erguuf ni gargaara.

Amma liqeeffate baasuun hin danda’amuu.

telebirrii USSd fayyadamuun.

Gulantaa 1- gara *127#tti bilbilaa.

Gulantaa  2- Maaltu jira keessaa  # (kan itti aanu)  filadhu.

Gulantaa  3- Tajaajila liqii Itiyooteel filadhaa.

Gulantaa  4- Gaafannoo daangaa liqii sa’aatii qilleensaa filadhaa.

Gulantaa 5-  Piinii keessan galchaa.

Xumura irratti, liqii keessan walii galaa, daangeffamni liqii argamee fi hojiirra oole ni ilaalama.

Fayyadama telebirrii fayyadamuun- Walii gala eyyamamu, baay’inni hafee fi liqeeffate, sa’aatii qilleensa tajaajilli liqii qarqabaa yemmuu gaafannu ni mul’ata.

Teessoo bakka bu’aa seera qabeessaa teeleebirrii isin dhihootti argamu salphaatti beekuuf marsariitii keenya (www.ethiotelecom.et)  ilaalaa.

Fayyadama moobaayilii telebirrii seenuun teessoo bakka bu’aa teeleebirrii isin dhihootti argamu beekuu ni dandeessu.

Bakka bu’oota biraandii telebirrii qaban naannawa keessan jiran argadhaa. Nama daandii irratti argattan kamiyyuu iddoo bakka bu’oonni telebirrii itti argaman gaafadhaa.

Giddu galeessoota tajaajilaa Itiyoo telekoom argachuuf jiraataa naannawa keessanii gaafadhaa.

Eeyyee, Maamiltoota fayyadamaa tajaajila telebirrii ta’uuf  hin galmoofneef karaa bakka bu’aa telebirrii isin dhihootti argamu ykn gara Giddu galeessa tajaajilaa Itiyoo telekoom deemuun maallaqa erguu ni dandeessu.

Lakkoofsa bilbilaa nama fudhatuu fi waraqaa eenyummaa keessan bakka bu’aaf kennuun/agarsiisuun erguu ni dandeessu.

Namni fudhatu maallaqa bakka bu’aa teeleebirrii irraa ergameef bakka bu’aa telebirrii ykn giddu galeessa tajaajila Itiyoo telekoom irraa baasuuf kan dandeessisu ergaan beeksiftuu lakkoofsa vaawucharii fi baay’ina maallaqaa ibsu bakka bu’aa teeleebirriirraa isiniif ergama.

Bakka bu’aa telebirrii/suuqii keessaa osoo hin ba’iin dura sosochii maallaqaa xumuruusaa ykn maalaqni ergamuusaa mirkaneessuu qabdu.

Kaffaltiin tajaajila maallaqa erguu (Over the counter) karaa siistama telebirrii ni hir’ifama ni raawwatama.

Akkaataa II-  Maamila tele birriif galmooftan yoo taatan,

Maamiltoonni tajaajila telebirriif galmaa’an gara  *127# tti bilbluun ykn fayyadama moobaayilaa telebirrii fayyadamuun maallaqa erguu ni dandeessu.

Lakkoofsa bilbilaa moobaayilaan amma fudhatuu fi baay’ina maallaqaa ergamuu galchuu qabdu.

Namni maallaqa bakka bu’aa telebirrii/Giddu galeessa tajaajilaa telekoom irraa fudhachuu kan dandeessisu ergaan beeksiftuu baay’ina maallaqaa fi lakkoofsa vaawucharii ibsu telebirrii irraa akka qaqqabu ni taasifama.

Maallaqni kun ergamuusaa kan mirkaneessu ergaan gabaabaan teeleebirriirraa battalatti isin qaqqaba.

Kafaltiin tajaajilaa maallaqni ittiin ergamu karaa siistama telebirrii ni hir’ifama ykn ni raawwatama.

Lakkoofsa gabaabaa  (USSD) ykn karaa fayyadama moobaayilaa telebirrii ofii keessanii galmaa’uu ni dandeessu.

Yeroof maallaqa erguun kan danda’amu maatii fi firoota Itiyoophiyaa keessa jiraataniifi.

Haa ta’u malee maallaqa karaa gargaartota keenyaa maatii ykn hiriyyoota keessan kutaa addunyaa kamiyyuu jiran irraa isiniif ergamu fudhachuu ni dandeessu.  Tarreeffama gargaartota keenya maallaqa idil addunyaa marsariitii keenya (www.ethiotelecom.et/telebirr) irratti ni ibsama

Bakka bu’oonni, gargaartonni fi maamiltoonni keenyaa iccitummaa lakkoofsa iccitii fi jecha seensaa eeguu fi mirkaneessuu qabu.

Kana malees nageenyi maallaqa telebirrii keessa jiruu kan eegamedha. Sababni saa,

Lakkoofsa iccitii eenuuf iyyuu hin kennamneen nageenyisaa eegamaa ta’uusaatiin

Furmaanni maallaqa moobaayilaa ammayyaa hojiirra akka oolu taasifamuusaatiin,

Wantoota shakkisiisoo fi gochoota waliin dhahuu adda baasuu akkasumas tarkaanfii sirna hojmaataa barbaachisu fudhachuu dandeessisu diriirfamuusaatiin,

Waliin dhahuu fi sochii maallaqaa shakkisiisaa ta’an ilaalchisee imaammattoonnii fi qajeelfamtoonni gabaasaa fi hordoffii jiraachuu isaaniitiin,

Sosochiin maallaqaa cimaa fi Imaammattoonni farra shororkeessaa faayinaansii hojiirra ooluu isaaniitiin,

Gargaartonni keenyaa fi hojjettoonni keenya imaammattootaa fi qajeelfamoota kanneen irratti leenjii akka fudhatan ta’uu isaa fifuulduras akka leenji’an kan taasifamu ta’uusaatiin,

Gochoota waliin dhahuu irratti araarri tokkolee kan hin jirre ta’uu,

Sirni to’annaa faayinaansii cimaa akka diriirfamu ta’uu isaatiini,

Tajaajilli telebirrii afaanota shan (Amaariffa, Afaan Oromoo, afaan Somaalee, Tigriffa, fi Ingiliffaan kennamaa jira).

Afaanota kanneen keessaa afaan filattaniin fayyadamuu ni dandeessu.

Qooqa jijjiiruuf gara *127#tti bilbiluun ajajoota dhufan hordofaa.

Afaan jijjiiruu keessaniif ergaan barreeffamaa gabaabaam isin qaqqaba.

Afaan jijjiiruuf-

*127# irratti bilbilaatii ajajoota itti aanan hordofaa.

Fayyadama moobaayilaa telebirrii fayyadamuun ajajoota itti aanan hordofaa.

Gara127 tti bilbiuun ajajoota itti aanan hordofaa ykn ergaa gabaabaa ²CH² jedhu gara 127tti erguun, ajajoota itti aanan hordofaa.

Qooqa jijjiiruun keessaniif ergaan barreeffamaa gabaabaa isin qaqqaba.

Miti, SIM kaardiin ykn lakkoofsi bilbilaa keessan yoo isin jalaa bade enyummeessa maallaqaa moobaayilaa hin dhabdan.

Namni kamiyyuu enyummeessa teeleebirrii keessan banuu fi fayyadamuu hin danda’u. Sababnisaas enyummeessi teeleebirrii keessan lakkoofsa iccitii enyuyyuu beekuu hin dandeenye abbaa dijitii jahaan eegamaadha.

SIM kaardii moobaayilaa keessan isin jalaa bade akka baaftaniin enyummeessa keessan telebirrii deebitanii fayyadamuu ni dandeessu.

Adda baaftuun telebirrii addaa lakkoofsa tajaajila moobaayilaa keessanii waan ta’eef lakkoofsa bilbilaa fi  lakkoofsa iccitii keessan fayyadamuun deebitanii tajaajila fayyadamuu ni dandeessu.

Lakkoofsa addaa iccitii keessan/jecha seensaa deebitanii jalqabsiisuuf gara jiddu galeessa bilbilaa telebirrii ykn gara 127tti bilbiluun,

Hojjettoonni deeggartootaa keenya lakkoofsa keessan iccitii addaa/jecha seensaa keessan irra deebi’uun jalqabsiisuuf nama sirrii ta’uu keessan beekuuf odeeffannoo siistama telebirrii keenya keessa jiru deebii isin kennitan waliin ofeeggannoon walbiratti ilaaluun fi mirkaneessuun ni hojjetu.

Sana booda lakkoofsa iccitii keessan guutuuf kan dandeessisu jechi seensaa gabaabaan yeroof 127 irratti akka isin qaqqabu taasifama.

Akkaataa akaakuu tajaajilaatiin bilisaa fi kaffaltiin argachuu dandeessu.

Tarreeffama taarifaa beekuuf marsariitii keenya (https://www.ethiotelecom.et/telebirr/telebirr-pricing/) ilaalaa

Gaaffiiwwan adda baaftuu iccitii jijjiiruuf-

  • Lakkoofsa gabaabaa fayyadamuun,
  • Gara *127#tti bilbilaa.
  • Tarreeffama keessaa maayi akkaawunt isa jedhu filadhaa.
  • Bulchiinsa akkaawuntii isa jedhu filadhaa.
  • Gaaffii fi deebii isa jedhu filadhaa.
  • Lakkoofsa gaaffii barbaaddan filadhaa.
  • Deebii kee galchi.
  • Lakkoofsa 1 galchuun deebii keessan mirkaneessaa (tole)
  • Lakkoofsa PIN keessan galchaa, Sana booda 127 irraa ergaan isin qaqqaba.

Fayyadama moobaayilaa telebirrii fayyadamuun-

Jalqaba seenaa, itti aansuun akkaawuntii koo filadhaa, gaaffii nageenyummaa filadhaa, lakkoofsa PIN keessan galchaa, gaaffii barbaaddan filadhaatii deebisaa galchaa, itti aansuun mirkaneessi isa jedhu filadhaa, xumuruu isa jedhu filadhaatii 127 irraa ergaan gabaabaan isin qaqqaba.

Lakkoofsi iccitii maamila kamiiyyuu beekamtii maamilaatiin ala jijjiiruun seera biratti fudhatama hin qabu.

Eeyyee, Ogeessota keenya  giddu galeessa bilbilaa waliin dubbachuun  lakkoofsa adda baaftuu maallaqa ittiin ergitan beeksisuun sa’aatii 48 keessatti isisniif deebi’a.

Fakkeenyaaf- lakkoofsa adda baaftuu 8E320N1XB4n maallaqa karaa telebirrii ergame ergaa gabaabaa ilaalaa.

Lakkoofsa adda baaftuu bittaa fi gurgurtaa keessan sakondii 30 keessatti  gara lakkoofsa tajaajila telebirrii 126tti erguun maallaqa dogoggortanii ergitan ofee keessanii deebifachuu ni dandeessu.

Maallaqni kun kan deebi’u enyummeessa nama sadaffaa keessa yoo jiraate qofa.

Kana malees maallaqni kun haalota armaan gadiitiin deebi’uu ni danda’a-

Gara lakkoofsa dodoggoraatti yoo ergame.

Baay’inni maallaqa dogoggora ta’e gara lakkoofsa sirriitti yoo ergame.

Kafaltii tajaajilaa baay’ina maallaqaa dogoggore yoo raawwattan.

Maallaqa dogoggore sa’aatii qilleensaaf yoo kafaltan.

Bittaa meeshaalee/tajaajiloota daldalaaf kafaltiin dogoggoraa wayita raawwatamu.

Daldalaa dubbisuun

Deebiin taasifamuu ilaalchisee telebirriin dogoggora maamilaa fi daldalaa jidduutti uumameef hojii walii galchuu ni hojjeta.

Deebii taasisuu kan danda’u daldalaa qofa.