Itiyoophiyaatti Qorannoo Seenaa Gabaabaa Damee Telekoomii
Itiyoophiyaatti Qorannoo Seenaa Gabaabaa Damee Telekoomii
Itiyoophiyaatti Qorannoo Seenaa Gabaabaa Damee Telekoomii 1894-1942
Itiyoophiyaatti tajaajilli Telekomunikeeshinii kan jalqabame bara 1894 ijaarsi sarara bilbilaa Hararii amma magaalaa muummee Finfinneetti wayita jalqabametti Miniliik lammaffaan ture. Sana booda magaalaa muummee irraa kallattiiwwan biroo hundatti neetiwoorkiin magaalichaa babal’achuu itti fufe. Jiddu galeessonni faayida qabeessi baay’een mootii moototaa keessa jiran sararaan walitti hidhamanii ture, kanaaf oppireetaroota ykn gargaartota buufataalee jiddu galeessaatti argaman waliin quunnamtii fageenyaa ni mijeessu ture.
1894-1942Rippaabiliika demokiraatawaa federaalawaa Itiyoophiyaa jalatti 1991-amma ammaatti
Dameen Telekomunikeeshinii bifa haaraan kan caaseffame yoo ta’u, qaamolee of danda’an, jechuun abbaa taayitaa Telekomunikeeshinii Itiyoophiyaa fi Korporeeshiniin Telekomunikeeshinii Itiyoophiyaa lakkoofsa labsii 49/1996 Sadaasa 1996 hundeeffameera.
Hundeeffama Itiyoo Telekoomii
Karoorri waggaa shanii bara 2005/06-2009/10 itti fufiinsa kan qabuu fi yaaliisaa barnoota, fayyaa fi qonnarratti xiyyeeffachuun tajaajiloota Telekomunikeeshinii akka furtuu gaggeessituutti xiyyeeffannoon akka hojjetu murteesseera. Itiyoo Telekoom akka lakkoofsa warra Awurooppaatti Sadaasa 29 bara 2010 kaayoo olaanaa bara 2015 kan qabu misooma Itiyoophiyaa, guddina itti fufaa biyya keenyaa deeggaruuf fedhii qabatee dhalate.
1991-Hanga ammaattiWaraana Booda Deebisuu
Weerara Xaaliyaaniin booda deebi’ee kan hundeeffame ministeerri ‘PT’ fi Thojiiwwan Telefoonii, Telegiraafii fi komunikeeshinii Raadiyoo to’ate. Kanaanis neetwoorkii guutuu biyyatti sirreesseera.
Bara Bulchiinsa Mootii Moototaa
Boordiin Impeeriyaalaa Telekomunikeeshinii Itiyoophiyaa lakkoofsa labsii 131 Onkoloolessa 15 bara 1952 hundeeffameera.
Hundeeffama chaartara keeyyata 5 irratti akka ibsametti kaayoo olaanaa boordichaa ture.
1942-1952Bara Dargii 1974-1991
Bara Dargiitti maqaan Telekomunikeeshinii Itiyoophiyaa akkasitti jijjiirame.
Baatii Onkoloolessaa bara 1975 dhaabbatichi “tajaajila Telekomunikeeshinii sooshaalistii Itiyoophiyaa mootummaa loltummaa kan yeroo” jedhamuun jijjiirame.
Baatii Amajjii bara 1981 abbaa taayitaa Telekomunikeeshinii Itiyoophiyaa jedhamuun jijjiirame. Maqaa kanaan amma Sadaasa 1996tti tureera.
Wayita kanatti tajaajiloonni Telekomunikeeshinii Atomaatikiirraa gara Teeknooloojii dijitaalaatti jijjiirama Teeknooloojii olaanaa taasiseera.
1974-1991Itiyoophiyaatti Damee Telekomunikeeshinii 1894-1942
Yeroo sanatti Itiyoo Telekoom sadarkaa addaddaatti moggaafamee bifa haaraan caaseffameera. Jalqaba bulchiinsi tajaajilichaa mana murtii mootii moototaa Minilikiin maqaa “sirna Telefoonii fi Telegiraafii bulchiinsa jiddugaleessaa Itiyoophiyaa bara 1890 1907tti lammiin Faransaayi miister Steeveniin jedhamu jeneraala ta’ee muudame. Tajaajilli kun bara 1907 amma 1909tti “sirna biiroo jiddu galeessaa poosataa, Telegiraafii fi Telefoonii Itiyoophiyaa jedhamee jijjiirame. Lammii Siwiizarlaand kan ta’e gorsaan Miniliik lammaffaa miister Al Freed Iilg bulchaa tureera. Sana booda bara 1910 moddaafni ministeera Poostaa, Telegiraafii fi Telefoon jedhamu kennameef. Jalqaba lamummaa Faransaayi kan qabu miister Liyoo Shaasnoon bulaa ture, itti aansee bulchitoota lammii Itiyoophiyaa ta’an Lij Gizaaw Bazzaabih, Bayyanaa Yimarii fi kanneen isaan bakka bu’aniin bulaa tureera.
1894-1942