Gaaffilee irra deddeebi’anii ka’an

Customer Service

We provide  Customer Support till 11:00 PM.

HTB1128uNXXXXXcKaXXXq6xXFXXX4

Jechi ‘GSM’ jedhu jecha gabaajee yoo tau, (Group Special Mobile) jedhamuun beekama. Kunis sirnsa quunnamtii moobaayiliiti.Yeroo ammaa sirna hundaataa moobaayilii jedhamuun waamama.

Lakkoofsonni moobaayilii Itiyoo Telekoom dijiitii 10 kan qabu yoo ta’u, kan jalqabus 911…, 912…, 913…, 920…, 921…, 922…, 930…931….932…. 933.. fi ititi aansuun lakkoofsota maamiltummaan galmaa’u dijitii 6 qabu. Fkf 911-xx-xx-xx

Tajaajilli moobaayilii kafaltii boodaa akkuma quunnamtii bilbila moobaayilii kanneen biroo siim kaardii Itiyoo Telekoomii argachuu kan danda’an yoo ta’u, kafaltii kan raawwatan erga tajaajilamanii booda.

Tajaajila moobaayilii kafaltii duraa jiddu galeessota gurgurtaa keenyaa ykn bakka bu’oota keenya Itiyoo siim kaardii biraa argachuu ni dandeessu.

Itiyoo Telekoom tajaajila moobaayilii kafaltii duraa fi kafaltii boodaaf birrii 30 kan kafalchiisu yoo ta’u, kana malees kafaltii tajaajilaan boodaaf birrii 250 irraa jalqabee akka fayyadamtanitti kuusuudhaan tajaajila argachuu ni dandeessu.

Biizinasiin moobaayilii filannoowwan 100, 250, 500, 1000 fi 2500 kan qabu yoo ta’u, tajaajila moobaayilii biizinasii yemmuu fayyadaman waamicha sagaleef, ergaa fi tajaajila Intarneetii moobaayilii taarifa idilee waliin yoo madaalamu bay’ee hir’ata.

  • Yemmuu isiniif bilbilamu bilisa
  • Sa’aatii idileetiin daqiiqaan tokko saantima 50, sa’aatii idileen ala akkasumas guyyaa ayyaanota biyyaalessaas ta’e Dilbata vaatii dabalatee daqiiqaan tokko saantima 35.

Tajaajilli moobaayilii Roomiingii tajaajila moobaayilii keessan Itiyoophiyaa alaatti fayyadamuu isin dandeessisudha.

Itiyoo Telekoom sadarkaa idil addunyaatti qooda fudhattoota 460 ol waliin walii galtee roomiingii idil addunyaa kan qabu yoo ta’u, yeroo gara yerootti dabalaa kan deemu ta’a

Kafaltiiwwan Roomiingii dhiheenyaa argachuu gabatee taarifa roomiingii moobaayilii Itiyo Telekoomii ilaalaa.

Taarifni ergaa barreeffamaa gabaabaa Itiyoo Telekoom meeqa?

Bilbilli moobaayilii ergaa barreeffamaa gabaabaa erguu fi fudhachuuf ni dandeessisa. Bilbila moobaayilii keessanirra “meeyi ykn ergaa” isa jedhu cuqaasaa, itti aansuun gara ‘settings’ dhaqaatii lakkoofsi jiddu gala tajaajilaa  +251911299708/07 ta’uusaa mirkaneessaa, yoo hin taane lakkoofsuma kana fayyadamaatii jiddu galeessa tajaajilaa qopheessaa. Kun yeroo jalqabaaf qofa kan taasifamudha. Amma tajaajila ergaa barreeffamaa gabaabaa fayyadamuu jalqabii ni dandeessu.

Kaffaltiin telekoomii Itoophiyaa sms tokkoof (qubee 160) biyyaalessaaf 0.20, idil-addunyaatiif ammoo birrii 2.99.

Bilbilli moobaayilii ergaa barreeffamaa gabaabaa erguu fi fudhachuuf ni dandeessisa. Bilbila moobaayilii keessanirra “meeyi ykn ergaa” isa jedhu cuqaasaa, itti aansuun gara ‘settings’ dhaqaatii lakkoofsi jiddu gala tajaajilaa  +251911299708/07 ta’uusaa mirkaneessaa, yoo hin taane lakkoofsuma kana fayyadamaatii jiddu galeessa tajaajilaa qopheessaa. Kun yeroo jalqabaaf qofa kan taasifamudha. Amma tajaajila ergaa barreeffamaa gabaabaa fayyadamuu jalqabii ni dandeessu.

Karaa Neetwoorkii Itiyoo Telekoonii ergaan barreeffaamaa gabaabaa tolaan isin qaqqaba.

Kafaltii duraa kaffaluudhaan fuuldura kan kafaltan waliin kan isiniif sirraa’u ta’a.

Saanduqa ergaa sagalee keessatti ergaalee waraabuuf vaatii dabalatee saantoma 50 yoo ta’u, kun ammoo gatii waamicha biyya alaa waliin qixxeedha.  Saanduqa ergaa keessaa ergaalee dhaggeeffachuuf si’a lamaaf tola tajaajilamtu. Si’a lamaa ol yemmuu dhaggeeffattan sakondii 30f saantima 12 kaffaltu.

SI. EL.AYI. PI n toorri waamichaa kan ittiin beekamu yoo ta’u, lakkoofsa bilbilaa isiniif bilbilamu moobaayilii keessanirratti akka mul’atu taasisa.

Tajaajilli waamicha tursuu nama biraa waliin haasawaa osoo jirtanii yoo isiniif bilbilame fudhachuuf fi tursuuf kan dandeessisudha.

Tajaajiloota kanneen tola argachuu dandeessu.

Tajaajilli waamicha dabarsuu waamicha isiniif taasifame gara bilbila Itiyoo Telekoom birootti/gara moobaayilii ykn idileetti/ akka dabarsitan isin gargaara.

Yeroon kafaltii ramaddiiwwan tajaajila moobaayilii Itiyoo Telekoomii ji’a ji’aani. Odeeffannoo dabalataaf geessituu armaan gadii cuqaasaa. https://www.ethiochatroom.et/csp-magent-client/index2.jsp

  • Erragni isin hafe xiqqaa wayita ta’u
  • Moobaayilii guuttachuuf naannawa keessanitti argachuu wayita hin dandeenye.
  • Moobaayilii guuttachuuf maallaqa yoo hin qabaanne.

  • Maamila tajaajila moobaayiaa kafaltii duraa cimaa,
  • Maamiltoota yoo xinnaate maamiltummaadhaan baatii sdiif ture.
  • Maamiltoota ji’atti yoo xinnaate birrii 30 moobaayilii guuttatan,
  • Maamiltoota sababa kafaltiitiin lakkoofsi tajaajilasaanii jalaa hincinne,

Maamiltoota liqii kanaan dura liqeeffatan guutummaatti kafalan

Siim kaardii keessan cufsiisuuf battalatti gara jiddu galeessa waamichaa Itiyoo Telekoomitti 994 irratti bilbilaa

Lakkoofsi adda baaftuu siim kaardii (pin) lakkofsa iccitii abbaa dijitaala afurii yoo ta’u, innis siim kaardii jalqabsiisuuf (To activate the SIM Card) tajaajila. Qajeelfamoota maanuwaalii moobaayilii keessatti argaman hordofuun piinii geeddaruu ni dandeessu.

Lakkoofsa piinii dogortanii si’a sadii deddeebitanii yoo guuttan ‘PUK’ itti aanuun akka galchitan isin gaafata. Lakkoofsi ‘PUK’ yoo isin jalaa bade gara *994# tti qajeelfama isinii dhufu hordofuu ykn gara 994 tti bilbiluun lakkoofsa bilbilaa walitti aansuun bilbilta sadii fi maqaa guutuu abbaa siim kaardichaahimuun argachuu ni dandeessu.

Siimii isin jalaa manca’e biirrii 15 kafaluun lakkoofsuma  wal fakkaataa fudhattu.

Iddoon jirtan Neetiwoorkiin hin jiru ta’a, ykn dadhabaa yoo ta’edha. Sararri iskiriinii bilbila keessan irra jiran kana ni agarsiisu. Kanaaf bakka neetwoorkiin fooyya’aa jiru dhaqaa

Haasawa kallattii onlaayinii gochuuf ganama saa’a 1 irraa amma dhiha keessaa saa’a 5tti geesituu armaan gadiitiin nu argachuu ni dandeessu.

link. https://www.ethiochatroom.et/csp-magent-client/index2.jsp

Raabsitootaa fi qinxaabdota addaddaa biraa heddumminaan waan jiruuf argachuu ni dandeessu. Jiddu galeessa gurgurtaa keenya Itiyoo Telekoomii isinitti dhihoo jiru  biraa ni argattu.

Gosoonni kaardii abbaa birrii 5, 10, 15, 20, 50, 100, 250, 500 fi 1000 ni jiru.

Sim card of eeggannoodhaan carrier irraa addaan baasi — gara handset galchi–989 bilbili–1 dhiibi sana booda lakkoofsa IVR irraa dhageessan galchi.

Firootaa fi michoota keessan biyya keessa jiraataniif biyya alaarraa moobaayilii guutuufii yoo barbaaddan qooda fudhattoota keenya geessituu armaan gadii cuqaasaatii argadhaa.

www.ethiotelecom.et/international-airtime-top-up/

Erragoota koo tajaajila Telekoomii kafaltii boodaa kaardiiwwan vaawucharii moobaayilii dursee kafalameen attamittan hiikuu danda’a?

Ergaa barreeffama gabaabaan

  • Ofiif kafaluuf - *lakkoofsa iccitii kaarii duugamee# barreessuun ykn gara 805tti  ergaa.
  • Lakkoofsa biraaf kafaluuf  *lakkoofsa iccitii kaarii duugamee*lakkoofsa moobaayilii # barreessuun gara  805tti  ergaa.

Fakkeenyaaf- *lakkoofsa iccitii kaarii duugamee*09xxxxxx# barreessuun gara 805tti ergaa

Lakkoofsa gabaabaan

  • Ofiif kafaluuf- *805*lakkoofsa iccitii kaarii duugamee# barreessuun bilbilaa.
  • Lakkoofsa biraaf kafaluuf-*805*lakkoofsa iccitii kaarii duugamee*lakkoofsa moobaayilii# barreessuun bilbilaa.

Fakkeenyaaf- *805*lakkoofsa iccitii kaarii duugamee*09xxxxxx# barreessuun bilbilaa

903 irratti bilbiluun

  • Duraan dursa 903 irratti bilbilaa.
  • Itti aansuun lakkoofsa 1 cuqaasuun ‘Erraga guutuuf’ isa jedhu filadhaa.
  • Biilii kan keessan kafaluuf lakkoofsa 1 cuqaasuun lakkoofsa kaarii duugamee galchuun # cuqaasaa.
  • Biilii lakkoofsa biraa kafaluuf, lakkoofsa 2 cuqaasuun itti aansuun lakkoofsa tajaajilaa galchuun qajeelfama sagalee isiniif dhufu hordofaa.

Yaadachiisa,

  • Akkaataa baay’ina biilii kafaluu barbaaddaniin kaardii moobaayilii addaddaa fayyadamuu ni dandeessu. Fakkeenyaaf abbaa birrii 1000, 500, 250, 100 fi 50 kkf baay’inni Birrii kaardii kafaltii duraa guuttan kafaltii biilii keessan kan caalu yoo ta’e kan hafe isiniif taa’ee biilii kafaltii baatii itti aanuu irraa akka hir’atu ta’a.
  • Erraga biilii kafaluu keessan kan mirkaneessu barreeffamni gabaabaa isin qaqqaba.