KOOR BAANKIINGII SOOLUSHINII KILAAWUDII IRRATTI HUNDAA’E

Description Image
KOOR BAANKIINGII SOOLUSHINII KILAAWUDII IRRATTI HUNDAA’E
Dhaabbileen maayikiroo faayinaansii fi waldaaleen hojii gamtaa qusannaa fi liqii meeshaalee faayinaansii dijitaalaa ammayyaa fayyadamoo akka ta’aniif kan dandeessisu dha.Pilaatfoormiin kun barbaachisummaa furmaata bulchiinsa faayinaansii si’ataa, nageenyummaa qabuu fi Babal'isuufis guutu yoo ta’u;dhaabbileen hojii isaanii si’ataa taasisuuf, muuxannoo maamiltootaa akka guddisan, akkasumas tajaajila faayinaansii hunda galeessa ta’e akka mirkaneessaniif kan dandeessisudha. Bu’uuraalee misoomaa qaalii ta’an ijaaruun osoo hin barbaachisin, kutaalee hawaasaa tajaajiloota faayinaansii hin arganneef akka dhaqqabamu gochuudhaan kenniinsa tajaajilaa amanamaa ta’e kennuuf ni gargara. Karaa kilaawudii paawoor koor baankiingii soolushinii Itiyoo telekoomitiin (cloud power core banking) dhaabbileen faayinaansii hojiisaanii ammayyeessuun, dhaqqabummaasaanii babal’isuun,tajaajila baankii si’ataa fi amanamaa ta’e dhiyeessuuf kan isaan dandeessisudha.

AMALOOTA IJOO FI FAAYIDAALEE
• Hojimaata salphaa፡ Galmee maamiltootaa, qabiinsa herregaa, adeemsa kenniinsa liqii, fi gabaasa gochuu dabalatee adeemsa hojii ijoo ta’e awutoomeetidii (Automate) gochuun ykn ammayyeessuudhaan dogoggorawwan adda addaa ni hir’isa.
• Hordoffii daldalaa yeroo qabatamaa/battala ፡ Daataa bittaa fi gurgurtaa yeroo fi atatamaan dhaqqabamummaasaa mirkaneessuun hordoffii fi to’annoo fooyya’aa ta’e taasisuu akkasumas murtee kennuuf gargaara.
• Muuxannoo maamiltootaa fooyya’aaf: Miseensotaaf appii mobaayilaa dabalatee chaanaaliiwwan tajaajilaa hundarratti wal fakkataa fi fayyadatootaaf muuxannoo mijataa dhiyeessuuf gargaara.
• Bulchiinsa daataa fooyya’aa ta’eef: Daataa maamiltootaa baay’ee haala nageenya qabuun kuusuu fi bulchuudhaan qulqullina daataa fi dhaqqabummaa ni mirkaneessa.
• Hanna Ittisuu fi Seerri Akka Kabajamu Mirkaneessuu: Dhaabbileen amaloota hanna adda baasuu fi ittisuu danda’an of keessatti hammachuudhaan ulaagaalee dambii akka guutan gargaara.
• Baasii Qusachuu፡– Moodeellin kilawudii irratti hundaa’e haardwaarii fi sooftiweerii irratti kan dhufu dhangala’uu invastimantii olaanaa ta’e ifaati kan hanbisu yoo ta’u, baasii waliigalaa abbummaa haalaan ni hir’isa.
• Foyya’uu ni danda’a (Scalability)፡ Sadarkaa guddina isaaniitiin kan raawwatu dhaabbileen moodeelli kaffaltii fedhiin isaanii guddachaa yoo dhufuu itti fayyadamummaa isaanii salphaatti akka guddisan taasisa.
• Walitti hidhamiinsa teeleebirrii፡ rakkoo tokko malee teeleebirrii waliin walitti hidhuun haala kenninsa liqii, tajaajila kaffaltii fi qusannaaf mala kaffaltii moobaayilaa mijataa fi si’ataa ta’e fayyadamuuf gargaara.
Moojuulota waliigalaa ፡ Galmee, qophii oomishaa, bulchiinsa liqii, chaartii herregaa (Chart of Accounts), gabaasa daashboordii yeroo qabatamaa, fi kaffaltiiwwan dabalatee moojuulota ijoo adda addaa dhiyeessuuf gargaara.
• Appilikeeshinii mobaayilaa ፡- Miseensonni tajaajila mijataa ta’een herrega isaanii akka ilaalan, maallaqa akka daddabarsan, liqii akka gaafatanii fi kaffaltii adda addaa akka raawwatan kan isaan dandeessisudha.

Galmaa’uuf akkasumas odeeffannoo dabalataaf giddugala tajaajilaa dhaabbilee keenya daawwadhaa!