- Maamiltoonni lakkofsa mobaayilii kafaltii duraa, kafaltii boodaa akkasumas haayibiriidii fayyadamuun qarqaba bitatan hundi tajaajila kana fayyadamuuf ni danda’u.
- Maamiltoonni dhuunfaa moobaayilii kafaltii duraa, kafaltii boodaa fi hayibiriidii qarqaba bitatan irraa fyayyadamtoota moobaayilii kafaltii duraa, kafaltii boodaa fi hayibiriidii nama dhuunfaa ykn dhaabbileef dabarsuu ni danda’u.
- Maamiltoonni qarqaba bitatan gara namoota birootti yemmuu dabarsan al tokko yemmuu ergan kafaltii tajaajilaa saantima 20 ni kafalau.
- Maamiltoonni dhaabbilee yemmuu isaaniif ergamu fudhachuu kan danda’an yemmuu ta’u, qarqaba isaan hafu namoota biroof dabarsuu hin danda’an.
- Maamilli hojjetaa Itiyoo telekoomii faayidaalee dhaabbatichi kenneef irraa maamiltoota biroof qooduu kan hindandeenye yoo ta’u, garuummoo namoota biroo irraa fudhachuu nidanda’a.
- Qarqabni moobaayilii maamiltoonni bitatan yeroo tajaajila sa’aatii 24 ol yoo qabaate namoota biroof qooduu nidanda’u.
- Yeroon takjaajilaa qabeenya qarqabaa nama biraaf qoodamu yeroo tajaajilaa qarqaba dabarfamuu waliin walfakaataa ta’uu qaba.
Fakkeenyaaf - Maamilli tokko qarqaba Ebla 1/2014 xumurxmu qabaatee namoota biroof yoo qoode maamilli dabarfameefis karaa wal fakkaatuun yeroo tajaajilaa Ebla 1/2014 xumuramu qabaata jechuudha.
- Maamiltoonni qarqaba namoota biraarraa fudhatan maamila biroof deebisanii qooduu nidanda’u.
- Tajaajila kana karaa Itiyoo Gabataa (*999#) akkasumas appilikeeshinii maayi Itiyooteel ni argattu.
- Fayyadamtoonni tajaajila qarqaba moobaayilii daangaa malee qarqabasaanii kanneen biroof qooduu hindanda’an.
- Fayyadamtoonni bilbila idilee qarqaba kamiyyuu fudhachuu hin danda’an.
- Qarqaba namoota biroof qoodan deebisuu hin danda’an. Qarqaba osoo hin qoodiin dura mirkaneessi yemmuu isiniif dhufu ilaaltanii erguu qabdu.
- Tajaajila qarqaba qooduu fayyadamuuf lakkoofsi bilbilaa nama erguu fi nama fudhatuu kan hojjetu yeroo tajaajilaa kan hindarbine ta’uu qaba.
- Qarqabni moobaayilii qoodamuufii lakkoofsi moobaayilii ittiin erguu xiqqaas ta’u maallaqa qabaachuu qaba.
- Maamiltoonni baay’ina qarqabaa hundasaa dabarsuu nidanda’u.
- Lakkoofsi moobaayilii nama fudhatuu sababa yeroon darbuutiin yoo cufame, yoo uggurame akkasumas addaan cite qaqqabuu akka hndandeenye beeksifni nama ergeef niqaqqaba.
- Maamiltoonni guyyaatti amma barbaade irra deddeebi’ee qarqaba qooduu nidanda’u.
- Kennaawwan beeksisaa fi jajjabeessituu namoota biroof qooduu kan dandeessan yoo ta’u, haata’u malee qarqaba qarqabarraa gara qarqabaa fi kennaa jajjabeessituu lakkoofsa bilbilaa yerooo jalqabaaf baaftan namoota biroof dabarsuu hin dandeessan.
- Qarqabni sirriitti qaqqabuusaa nama ergeefis ta’e nama fudhatuuf ergaan niqaqqaba. Ergaan kunis amma qarqabaa, maallaqa hafe, yeroon tajaajilaa yoom akka xumuramu akkasumas lakkoofsi bilbilaa nama ergee of keessaa niqabaata.