Mallattoo Addaa Waamicha Bilbilaa Dhaabbileef

Mallattoo Addaa Waamicha Bilbilaa Dhaabbileef
Dhaabbileen moobaayila hojjatoota ykn michoota (partners) isaanii irratti oomisha fi tajaajiloota akkasumas biraandii (brand) isaanii bifa haaraadhaan akka beeksifataniif kan gargaarudha.

Dhaabbatichi ergaa mataa isaa qopheessuudhaan hojjattoota ykn michoota kanneen mallattoo addaa waamichaa fayyadaman yeroo bilbilan / bilbilameef maamiltoota biroof ergaan barreeffama gabaabaa karaa fuula (iskiriinii) moobaayilaa irratti kan mul’atudha.

Gatii Tajaajilaa


Gosa Kuufamaa Mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee

Kan ji’aa (guyyoota 30’f)

Kan waggaa (ji’oota 12’f)


Gatii Qarshiidhaan

Gatii Qarshiidhaan

   Kuufama mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee 20

380

1,900

   Kuufama mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee 50

900

4,500

  Kuufama mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee 100

1,700

8,500

  Kuufama Mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee 300

4,800

24,000

  Kuufama Mallattoo addaa waamichaa dhaabbilee 50,000

7,500

37,500

  • Maamiltoonni dhaabbilee tajaajila kana argachuuf giddugala kenna tajaajilaa dhaabbilee dhiiyeenya isaanitti argamu qaamaan deemuutu irraa egama.
  • Dhaabbileen mallattoo addaa waamicha bilbilaa kan ji’aa fayyadaman kaffaltii   tajaajila   isaanii  biilii ji’aatiin akka kaffalamu ni taasifama . Dhaabbileen mallattoo addaa waamicha bilbilaa kan waggaa fayyadamuu barbaadan kaffaltii duraa kan kuufamichaa yeroo galmeetti kaffaluutu irraa egama.
  • Dhaabbileen tajaajila mallattoo addaa fayyadamaa jiran ol guddisuuf, gadi xiqqeessuuf akkasumas haquu yeroo barbaadan giddugala kenna  tajaajilaa dhiyeenya isaaniitti argamu deemuun irra kan jiraatu yoo ta’u, gaaffiin isaanii hojii irra kan oolu yeroo kaffaltii biilii kan dhaabbilee itti aanu ta’a.
  • Miseensi tokko akkaawuntii mallattoo addaa waamichaa tokko qofaa keessatti dabalamuu kan danda’u yoo taú, akkaawuntii mallattoo addaa waamichaa haaraa keessatti miseensumman kan hammatamu yoo ta’e immoo isa duraa irraa dursee haquu qaba.
  • Dhaabbatichi akka fayyadamuuf gosa kuufamaa mallattoo addaa wamichaa hanga miseensota olaanaa eeyyamameefi ol dabaluu kan hin dandeenye yoo ta’u dabaluu yoo barbaade immoo miseensota dura turan haquun miseensota haaraa dabalaman galchuu ni danda’a.
  • Dhaabbatichaan kan bakka buufameen (ramadame) hogganaan mallattoo addaa waamichaa hogganu mallattoo addaa waamichaa, mallattoo addaa waamichaa kan garee fi mallattoo addaa waamichaa miseensotaa murteessuu ni danda’a.
  • mallattoo addaa waamichaa yeroo qophaa’an jechootni hin daangeffamne galchuun kan hin danda’amne yoo ta’u jechootni akkasii siistamaan kan adda bahaniifi kan dhorkaman ta’u.
  • Dhaabbanni fayyadamu ogeessa mallatoo addaa wamichaa hogganuuf ofiin kan ofii kan qabu ogeessichi miseensota dabaluu/haquu , garee uumu,/haquu , mallattoowwan uumuu ( set signature) fi ibsa herregaa (bill) ilaaluu ni danda’a.